Fuulakee Lyrics
- Genre:Gospel
- Year of Release:2022
Lyrics
Fuulakee dhaabachuudhaaf an ulaagaa hin guunnee
Maqaaf hojii gaariini narratti hin argamne
Hiddiif sanyiin kankoo iddoo kanaaf hin mallee
Dadhabaan hojjechuudhaaf at jaallannaan malee
At jaallannaan malee
At jaallannaan malee atii jaallannaanii
Fuulakee dhabbachuunkoo eenyummaankoon minii
Cubbuuf yakka koottii na qulqulleessitee
Qajeelummaa ofiikee anaaf lakkoofsistee
Surraa ayyaanakeetii anattii uwwistee
Hojjetaa mana keetii ana taasifattee
Gooftaa gochaakeef an maalan deebisaa
Qulqulluu maqaakeefi yeroo hundaan weeddisaa
Haaleluyaa galataan olol si qaba
Aniif mannikoo kan himannu hin qabnu gaarummaa
Garuu na dhaabeera ayyaannikee jaalallikee addumaa
Ergati na dhaabdee fuulakee uumama haaraa gootee
Fayyisuukeen labsaa hamman jirutti ulfinakoo gatee