Isa dukaan deema Lyrics
- Genre:Gospel
- Year of Release:2024
Lyrics
Isa duukaan deema isa biraa hin hafu
Inni ana eeguu hin mugu hin rafu
As miti manni koo ani keessummaadha
Karaan deemaa jira biyyi koo fagoodha
Garuu homaa hin sodaadhu inni harka naqaba
Nan jabaadha malee maalifan dadhaba
Akka warrra gowwaa booddeetti hin deebi'u
Gooftaa koottii ba'ee jiraachuu hin danda'u
Keessa koo iddoo hulfinaa Yesuustu jiraata
An isan jaalladha innis na jaal'ata
An abdiikoo hin kutu humni koo ni haaroma
Inni na gaggeessu fuul-dura koo adeema
Diinota koo hunda bittimsee karaa irraa
Hamaa irraa ana eegee na simaachuuf jira
Kan akka isa hin jiru hin jiraatuu
lamuu hin dhalatu
Homtuu kan akkasaa eessattu hin argamu
Yesuus jalallee koo maqaan isaa haajajamu
Kan har'aan naga'e boris ana hin gatu
Gochaan isaa baay'eedha baraan haa ulfaatu
Haa ulfaatu
Yesuus haa ulfaatu
Hin jiru hinjiraatu guddaan akka isaatii
Galannii fi ulfinni ho-qubaan kan isaati
Waaqaa fi lafa irratti aboon hunduu kan isaa
Baraa amma baraatti maqaa isaa nan farsaa
Nan faarsaa
Yesuusin nan faarsaa